CBS Stories

Borana Stories

YESON NAMICHA KOKOTAAE FAYYISE ARAARAMAAFI

Mariko 2:1-12

Eegi bulti diqo, Yesoni Kapernaumuti gallaani, biyyiti aka inni gale d'ageete. Nami hedduuni wolti bahe, afaani balbalale fulla bahaniini d'abani. Inni dubbi Waaqa worrati hasae. Jennaani nami afuri nama toko ka kokotae baate isatiini d'ufe. Ammo maro gumitiifi Yesoti d'iaachu dad'abani. Jennaani gubba mana saaqani gararo isaa, afaani iti tolchani, wosaasa namichi ira ch'iisu gadi buusani. Yesoni d'ugefacha jara kana arginaani, waan nama kokotae kaaniini jed'e, Gurba, daba kanke ya si araaramani.

Jari Seera beekhu ka achi jiru garaa ufi keesati waan jed'e, Namichi kuni akami akana dubbata? Waaqa arabsayu? Eentu dandae daba nama araarama, Waaqa male?

Jennaani Yesoni aka worri garaa ufi keesati waan kana heregu beennaani waan jed'eeni, “Isani maafi waan akana kana garaa keesani keesati hereddani? Tamiti ira laaftu, aka nama kokotae kanaani, Daba kanke la si araaramani jed'ani mo, Kai, wosaasa tante fud'ad'u, gali jecha? Ammo aka Ilmi Nama lafa tana irati jabeenna daba nama araaramuuni qabu argitani”, inni namicha kokotae kaaniini waan jed'e, “Kai, wosaasa tante fud'ad'u, gali” jed'e. Inni kae, wosaasa ufi fud'ate, nama ch'ufa durati iti d'aabate. Tanaafi nami ch'ufti mame, Waaqa guddisani, “Nu waan akana kana taka ingarre” jed’an.