Jalqaba
Gaafa qara fiit’e, Waaqi lafafi gubba uume. Gaafasi lafti duwa, fuula inqabdu, aka injirtu. Dukanti d’immu bisaani gubbaa jirti. Ireeni Waaqa guddooni bisaani gubbaa dedeemti.
Guyya Ja’a Kha Uumama
Jennani Waaqi waan jed’e, “Ifsaani ha tahu.” Jennani akasum tahe. Duuba Waaqi ifsaa fi dukana gargari baase. Inni ifsaani “Guyyaa” jed’e ammalle dukanani, “Halkan” jed’e. Waaqi akka ch’ufti dansa inarge. Galgali dabre, diiramillen ind’ufe, kunini guyya qaraati.
Jennaan Waaqi waan jed’e, “Wonti bisaan gubbaati fi kha jala gargari baasa haa taatu.” Isiin akkasum taate. Waaqi waan suniin “gubba” jed’e. Galgali dabre, diiramillen ind’ufe, kunini guyya lameessoti.
Jennani Waaqi waan jed’e, “Bisaan laf gubba jiran ch’ufti haa fula tokooti waltideebianiiti akka biyyeen godduun mulattu.” Isiin akasum taate. Waaqi bisaan woltideebian suniini baarini jed’e, amalle biyye goddu suniini lafa jed’e. Duuba Waaqi akka wonti kunin dansa arge. Duuba Waaqi waan jed’e, “Lafti mukha mimidhago fi mukha dodotii nyaata tolu ch’ufaa ha baftu.” Duuba Waaqi worra eebise akka worri hore lafqabatu. Jennani galgali dabre, diiramillen ind’ufe, kunini guyya sadeesoti.
Jennani Waaqi waan jed’e, “Gubaani ha ifsee ak akaatin guutamtu: Akka ifseeni guddoni, adduuni, guyya mohate, duuba ifseeni didiqooni, ji’aafi urjiini halkan mohatu.” Ammale Waaqi waan jed’e, “Ifseeni tunini ha guyyafi baraafi saati gargari baaftuti.” Inni akka wonti kunin dansa arge. Galgali dabre, diiramillen ind’ufe, kunini guyya afreesoti.
Jennani Waaqi waan jed’e, “Gubbaani ha simpirre fi waan barrisa ch’ufaan guutamtuti, ammalle bisaani ha waan lubbu qaba kha bisaan daakhata heddu d’alani.” Duuba Waaqi akka worri sanyi ufi gula hore lafqabatu eebise. Waaqi akka wonti kunini dansa inarge. Jennani galgali dabre, diiramillen ind’ufe, kunini guya shaneesoti.
Jennani Waaqi waan jed’e, “Lafti ha bineensa aka akaatin guutamtuti: bineensa alaati fi bineesa worra keesati fi, bineesa lafa irra lohullen.” Isiin akasum taate. Duuba Waaqi bineensa kan ch’ufa eebise akka worri horre lafa qabatu. Waaqi akka wonti kunin dansa arge.
Fakeenna Waaqa gula
Jennani Waaqi waan jed’e, “Koota nam mid’asina fakeennafi akheekha keenna gula akka inni uumama ch’ufa mohatu.” Akanaani Waaqi nama uume kha d’iiratifi kha uwaalle ammalle akka worri uumama ch’ufa mohatu ajaje. Amalle Waaqi akka worri hore lafguutu worra eebise. Amalle Waaqi mukha dooti ch’ufa ak sagalee woraa kenne. Duuba Waaqi akka wonti inni uume ch’ufti dansa arge. Jennani galgali dabre, diiramillen ind’ufe, kunini guyya jaesso.
Boqota Waaqa.
Guyya torbesso, Waaqi hujii uumama la obaafate, duuba inboqote. Tanaafi Waaqi guyya torbesso qofa khaae, maan jenaani kunin guyya Waaqi hujii isa ta uumama irra boqote.
TA GABAABINATI HIMAN
Gaafa qara fiit’e, Waaqi lafafi gubba uume. Gaafasi lafti duwa, fuula inqabdu, aka injirtu, ammalle dukanti d’immu bisaani gubbaa jirti. Ireeni Waaqa guddooni bisaani gubbaa dedeemti.
Jennaani Waaqi waan jed’e, “Ifsaani ha tahu.” Duuba ifsaani tahe. Waaqi akka ifsaani suni dansa arge, ifsafi dukana gargari baase. Jennaani Waaqi ifsaani guyya jed’e, dukanaani halkani jed’e. Akanaani galgali tahe diiramileeni tahe. Kunini guyya qara.
Guyya lammeesso, Waaqi bisaan jalaati fi kha gubaa gargari baase akanaani gubba uume.
Guyya sadeesso, Waaqi baarini fi lafa godduu gargarii baase ammalle mukha mimidhaago fi mukha midhaan ak akaa baasu ch’ufa uume.
Guyyaa afreeso, Waaqi ifsaa gubaati uume- akka adduuni guyya mohate, ji’a fi urjillen halkan mohattu. Akka wonti kunini akheekha guyyati fi baraatifi waan kan uume. Guyya shanesso, inni simpireefi qurtummi uume.
Guyya jaeesso, inni waan lam gugurdo hojjate. Ta qara, bineensa fi uumama gosgosa kha laf irra deema ch’ufa uume. Ammalle yo waan lubbu qaba kha akka mukha, simpirree, qurtumii fi bineensa uumu chufa- inni ineebise akka worri horani. Ammalle guyya ch’ufa waan uume ch’ufaan “dansa” jed’e.
Duuba, guyya jaeesolle, akkan jed’e, “Koota nam mid’asina fakeennafi akheekha keenna gula akka inni uumama ch’ufa mohatu.” Akanaani Waaqi nama uume kha d’iiratifi kha uwaalle ammalle akka worri uumama ch’ufa mohatu ajaje. Amalle Waaqi akka worri hore lafguutu worra eebise. Amalle Waaqi mukha dooti ch’ufa ak sagalee woraa kenne. Waaqi akka wonti kunin dansa arge. Kunin guyya jaesso.
Guyya torbesso, Waaqi hujii uumama la obaafate, duuba inboqote. Tanaafi Waaqi guyya torbesso qofa khaae, maan jenaani kunin guyya Waaqi hujii isa ta uumama irra boqote.