Ato Waaqi nam inuumini, inni maleekota heddu ta isa walliin gubaati galani uume. Maleekoti uumama hafuurati, ta ch’ubbu male uumani. Waaqi akka worri isaa hojjate ammalle isa waqeesuufi uume. Maleekota Waaqi uume keesa, toko, malekota tan irra guddoo qarooma fi midhaaguma qaba. Maqaan isa bakkalcha barii. Waaqi gubbaati bakkalcha barii barchumma gudda kenneefi.
Gaaf tokko bakkalcha barii ufguddise haga Waaqati ufqabe, fula Waaqa fudhachu fedhe. Maleekoti dhibiilleni Waaqan morkite. Ammo Waaqi waan bakkalcha barii fi gulyaatun isa yaadatte imbeekhe. Morkaafi moromaan worra inonfolle waan Waaqi waan ch’ufa beekufi ammalle waan inni bakkalcha barii irra jabeenna qabuufi, isumati isa uume.
Marro ch’ubbuu isaanitiifi, Waaqi maleekota dabditi ch’ufa gubaa gadi gate. Waaqi kha dhugaati ammalle dandae kha isaan morku waliin infidamu. Ammalle Waaqi waan jedhe, guyya tokko maleekota ch’ubbiti ch’ufa adaabe Galaana Ibidaati gata.
Waaqi maqa bakkalcha barii Sheetanaati jijiiree. Hiikan maqa kana “dharticha” jechuu. Sheetanaa fi maleekoti hamaamtuni nyaapa Waaqa taate. Yaada Waaqa akka mormitu iti gamte, haga dandeetu. Amma, maleekoti Sheetana gulyaate sunini, hafuura hama kha laf tan gubba jiru. Worri Sheetan gulyaae ammalle dhugaan morka. Sheetani Dubbi Waaqa ch’aqasu hinfedhu.