Eegi Waaqi Seera Kud’annani gumiiti kenne, kha worrilleen akka seera suni chufa guutamsaan gula deeman eyamani, Musani gara gaara deeme akka Waaqan wolhaasau. Waaqi dakha lama hahaafalicha irraati Seera Kud’annan harkuma ufiitin t’aafe. Musani guyya afurtama gaara gubbati ture.
Biyyiti aka Musani gaara gubbati ture argite jennaani Haruniti d'ufte waan jette, “Nu waan Musa ka lafa Misiri keesaa nu baase qabate imbeennu; waaqoota nuuni deemtu nuu mid'aasi.” Duuba gumiini qube gurrati naqatan gurra baafate Haruniiti kennite, jennani inni qubele suni fuud'e basse tume, korma worqi mid'aase. Biyyiti Israeli waan woliini jette, “Kunini waaqa keenna ka lafa Misiri keesaa nuu baase.”
Duuba biyyiti kaate tabatte korma worqii sunii sirbite.
Gaara gubbaatti, eegi Waaqi Seera Kud’annan harkaan t’aafe irra bahe, waan Musan jed’e, “Gumiini layyu nati gargalte. Amma na lakisi; anini gugubad'e dallane, d'aqe worra balleesa; ammo sifi d'aLutua kanke gosa guddo tolcha.”
Ammo Musani AABBO Waaqa isaa kad'ate waan jed'e, “Kakhu atin hojattu tante Abrahamufi Isaaqofi Yakobo kakhate qaabad'i, tanafi gumi tana himballeesini.
Musani biyya korma worqi ka mid'aasani kaani durati sirbitu arge jennaani hama dallane, gaara jalati d'akha hahafalicha lamaan harkaa qabu kaani lafaani d'ae lachu ch'a ch'abse. Duuba eje lalabe waan jed'e, “Nami ch'ufti ka gara Aabbo Waaqaa jiru ha gara kiyya gad'ufu.” Jennaani ilmaani Lawi ch'ufti gara isaa d'ufte, inni waan jed'eeni, “Isaniini kuni ch'ufti sheefti teesani guurad'a, worra Korma Worqii kana waaqefate ch'ufumayu hobaasa.” Guyya suni nami hedduni hobae kha gadi hafe Waaqa araarfate.
Waan Musani d’akhaye hahafalicha lamaani ch’abseefi, inni gaarati oldeebie. Duuba Waaqi ammalle dhakhaye akkasi d’ibi iraati Seera Kud’annan barreesse iti kenne. Dakhayeni seera iti t’aafan sunini ta Musani Sanduqa Wold’aqiisa keesa khaaye.
Eegi gaara Sinaiiti miila dhaabatani, Waaqi gumii Israeli lafa kakhuuti qajeelche.