Eegi Waaqi Saulo akka hayyuu didee, inni Samuelii lafa Bethlehemuu gara namicha Jesse jed’ani erge, akka ilmaan isa sadeeti keessa tokko hayyuu tolchu. Samueliin waan Waaqi ilmaan isa gugurdo jajajabdu filatu sehe, ammo Waaqi, “Hiyyo, nami ala laala ammo Gooftan onne laala” jed’eeni. Waaqi much’aa maad’iicha kha inni tissa oliyee kha maqaan Daudi jed’an filate. Samuelini much’aa maand’icha suni oboleeyan isa gugurdo duraati d’ad’aa muude. Hafuuri Waaqa eegi gaafasiiti Daudi gubba jiraate.
Fakkeenni tokko gaafa Daudini, ka inni diqaa, oboleeyan isa ta duula Israeli kees jirtu, gosa Filistiitini woraana woldura ch’iiftu, inni worra laalu deeme. Achiin baanan, namicha gudda, ojja d’eeraa kha maqaan Goliathi jed’an arge, inni worra Israelii gooyesse abaare, sodaafu nami isaan woli had’u fed’u tokolleen hinjiru. Daudini waan kana arge guddo dallane. Inni akka namicha suniin woli had’u herrege. Inni diqeenafu, woraanafi sheeftiin lolu himbaranne, akka Waaqi duraan tikha horii keesati isa qarqaare, bineensa akka nyeecha irra qorqorate jala baase beekhe. Inni Goliathini wolti dufnaan, dakha gulluba kees khaaye ijeeseni, duuba gumi Israelii dabsachaa guddo kenneefi.
Eegi ganna 15, Hayyichi Sauloni, Daudi gudda askartii tolche, ammo jari uwwa faarse, “Sauloon khuma ijeese, ammo Daudiini khuma kudan ijeese!” jed’an. Sauloon eegee Daudi inaafe ijeecha guddo iti game. Ammo Daudin takka Saulo woma hintolchine, Waaqilleen guddo isa qorqorate. Eegi Sauloofi ilmaan isaani woraan keesati duani, durdeemtoti gumii, akkuma Samuelini ganna heddu duraan tolche, Daudii akka hayyu muudani. Daudiini ganna sodomaati gaafa hayyu tahe, ammalle hayyoomi isa ganna afurtama deeme.
Daudini janna woraanati ammo guddo Waaqati abdate. Ato taatellee, Daudiini ch’ubbu gugurdo jireenna isa keesati hojjati, fakeenna, diirsa Bethshebaa ijeese isi waliin algalooma hojjate, ammo araara gale duuba Waaqillen isaa araarame.
Daudiini nyaap’a isa ch’ufa dabsate, Sanduuqa Wold’aqiisa dira gudda Yerusaleemuu fidee. Daudiini Mana Waaqa gudaa Waaqaa ijaaru fed’ee. Ammo Waaqi kara Nathaniitini Daudii d’aamsa iti erge, “Waan harki kanke d’iiga qabuufi, atin mana naa inijaarini, ammo much’aa kankeetiti mana naa ijaara. Anin ammo sii kakhad’a, ilmi barchuma kanke irra hind’abamu, mootumaan tante haga jiru jireenna deemti.”
Daudiini Waaqa guddise marro kakhuu isaatifi. Aton inni ch’ubbicha tahellee kha toli eeba Waaqa feesiseefi, inni kha akka onne Waaqa tahe (1 Samueli 13:14). Daudiini ammalle, faaru Waaqan guddisan, ta Dubbi Waaqa kees jirtu, heddu t’aafe.