Eegi Yohanaani isa batise, Hafuuri Qulqulloni gara lafa aloo ta Yerusalemufi Yeriko jiddu jirtu isa qajeelche. Inni guyyaafi halkan afurtama afaan hid’ate achiiti kad’ate duuba Sheet’anilleni isa laalate. Inni waan tokkolle insooranne, yosuni guddo beela qaba.
Duuba Sheet’ani waan Yeson jed’e, “Yo atini d’ugumaani Ilma Waaqa taate, kha atini d'ugumaani kha muudame taate, nu garsiisi. Dakhaayye tana ajaji qitaati jijiiri.”
Ammo Yesoni waan Seetanaani jed’e, “Oduun dansaan nuti himti, ‘Nami qita ch’allaani dandae hinjiraatu ammo dubbi afaan Waaqa keesa baatu ch’ufaan jiraata’.”
Duuba Sheet’ani Yerusalemu geese fiit’e Mana Waaqa gubba d’aabe waan jed’eeni, “Yo atini d’ugumaani Ilma Waaqa kha muudame taate, arma irra khuruumpadhu! Maan jennaani Kitaabi waan jed’u, ‘Waaqi Maleekota ufii sii erga akka worri si baasu.’ Dubbiin ammalle waan jettu, ‘Worri si harkuma ufiitini si qaba akka miila kanke dhakhaan hind’oomne’.”
Ammo Yesoni deebise jed’e, “Waaqa Gofta kanke ilaalacha keesa hinkaaini.”
Ammalle, Sheet’ani Yeso gaara d’eera gubba khaaye mootumma fi durumma lafa chufa garsiise waan jed’eeni, “Anin mootumma tanaafi guddinna isii chufayu sii kenna. Waan kana chufa ya naa kennani, anini nama fed’ee kenna. Amma tante taati. Atin na ch’alla duraati gadi jedhi na Waaqesi.”
Yesoni marro muumme deebise waan jed’e, “Arma deemi, Seetan! Kitaabi ‘Waaqa Goofta keeti male waan dibi inwaawefatin’ jed’a’.”
Duuba inni qofa achiiti hafe, maleekani Waaqa d’ufte isa tajaajilte. Jireenna Yeso keesa, Sheet’ani chubbu ilmeen nama hojjatufi ta akka hojjatu herredulle chufaani layyu Yeso ilaalate. Ammo Yesoni ilaalacha Seetana indide ammalle takkuma wolaala inseenne.