CBS Stories

Borana Stories

AKKA RAAGOTI WAAN D’UFAANSA BAASATIFI WAAN WOLD’AQIIISA

HAARAA FADDE.

Bara hayyooti lafa Israelitifi lafa Yuda fide, Waaqi raagota gumii isaati erge akka nama chubbu hojjate wolaala iti mure kha chubbu irra deebie Waaqati abdatu ammo waan naasu Waaqa beesisu. Wonti d’ibin raagoti gumii Waaqa qaabsifte waan d’ufaansa Baasa kha Waaqi duri gumii isaati kakhate, kha d’ufe gumi Waaqa chubbu jala baasu.

Raagole gugurdo keessa tokko kha Isaya jed’ani akkan jed’e, “Intalti dubra garaachoofte, ilma deete, maqa isaa Imanueli baaftiifi. Maqaan isaan yaamani Hayyu Nagayaati. Mootummaan isa iti deebie ind’umu.” Inni ammalle waan jed’e, Baasani akka oola qalma geesani jira, kha ato gaargalchanille ufii hindubanne, isa gooyesani, duuba du’a dukkubi hamtu qabdu du’a akka gati chubbu nama chufa baasu. Raagoleen ammale akka Baasa duisa keesa kaasani infadde. Fakeenna, akka Baasani Waaqi gumii isaati kakhate lafa Bethlehemu keesa d’ufu fa, akka harkaa fi miili isaaleni woraanamu fa, akka qarsi sodomaatini gurguramu fa, akka it’aa buufatani woya isa gargari qoodatan fa.

Raagoleen ammalle waan KAKHUU HAARAA kha Baasan Waaqi gumii isaatii kakhate muumessulle infadde. Waaqi raga Yeremia kees bahe waan jed’e, “Gumiini tiyya ya wold’aqiisa kiya chabsite ammo anini Wold'aqisa haraa anini worra waliin tolfad’a; anini seera kiyya qalbi worra keesa kaye, garaa worraa keesati t'aafa. Anini Waaqa worraa tahe, worrileeni gumi tiyya taha.”

Waaqi ammalle waan waanum sun fakaata raga Ezekieli keesa bahe dubbate waan jed’e, “Anini garaa haareesafi qalbi hareeti isanii kenna. Anini garaa keesani jajaba aka d'akha suni jijire, garaa laana ka Waaqaa saalfatu isanii kenna. Anini lubbu tiyya isani keesa kaye, seera kiyyafi aada anini isanii kenne ch'ufa isani guuchisiisa.”

Eegi gumiin Waaqa Yerusalemuuti deebite man Waaqa ijaarte, Waaqi haga ganna d'ibba afuri kara raagoleetini iti dubbachu inlakkise. Ammo bara gaargala kha lallaafinna kha gumiini Waaqa bulchiinsa lafa d’ibii jala jirtulle, gumiin Yahudii hagi tokko kakhu Waaqa ta d’ufaansa Baasa qaabatani, obsaafi d’arra guddooni eegatani.