Gaafa qara fiit’ee Waaqi lafaafi gubba uumee, guyya jaesso, Waaqi nama d’iiratifi kha uwaalle uume. Inni akkana tolche uume!
Waaqi biyye lafa iraa fuud'e nama tolche, hafuura jireennaa funaaniti afuufe, nami suni sunumaani jiraate lubbu argate. Maqaan isa Adamu. Waaqi oobru Edeni jed’anille infach'aase. Inni mukeeni guddo ilti namaa jaalattu, ta mid'aani isii guddo sagale dansaa oobru suni keesati baase. Wod'aka oobru suni keesati mukha baase; kha jireennatiifi kha waan dansaafi hamtu ch'ufa nama hubachiisu. Jennaani Waaqi nama kaani fuud'e oobru Edeni keesa kaye, aka inni qote jabeesu.
Duuba Waaqi waan jed'eeni, “Mid'aani oobru tana ke jira ch'ufa nyaad'i, ammo mid'aani mukha waan dansaafi hamtu ch'ufa gargari nama hubachiisu inyaatini, yo nyaatte guyyuma suni doota.”
Jennaani Waaqi waan jed'e, “Nami kunini ka koba tau dansaniti, wahela isaa male tolchaafi.” Duuba Waaqi bineensa ak akaa ch’ufa namichatiini d'ufe, akaanaani namichi binensa ch’ufa tok tokooni maqa baasefi. Ammo Adamuuni waheli isaa male keesaa d'abe.
Jennaani Waaqi aka jaba isa rafise, duuba ato inni rafu, ch'inaacha isaa toko keesaa fuud'e, fulla suni akuma duriti deebise. Duuba ch'inaacha keesaa fuud'ani kaani nama uwa tolche, namichi irriba kaanani, isatiin d'ufe. Jennaani namichi nama uwwa arginaan waan jed'e, “Muumme irrati! tunin lafe lafe tiyyati, ammalle fooni fooni kiyyati. Nama uwa isiini jed'ani, waan isiini d'iira keesaa baateefi.
Tanaafi d'iirti abbaafi haad'a ufii lakifte niiti ufitiini takaa taati, worri lamaani nafa takaa taha. Namichafi niitiini qulla oobru kees yaani, ammo gaafasi waan ch'eera imbeekhani.