CBS Stories

Borana Stories

A. TAJAAJILA YOHANA, BATISO YESO

Yohana 1:19-31, Matayo 3

ODUUN tunini dhugeesa Yohanaati. Yohanaani guddannani, inni lafa aloo keesati goga gala uffate awaniisafi damma raasa nyaate akanaani Israeliti lallabe. Inni akkan jed’e lallabe, “Chubbu teesan irra deebia, maan jenaani mootumaan Waaqa ya d’iyaate!” Duuba worra irra deebie inni galaana Yordani keesati batise.

Gumiin guddoni isa gula yaate akka barsiisa isa ch’aqafte ammalle batifamtu. Ammo qallole gugurdoofi barsiiftoti seeratifi, durdemtoti Israeli, Yerusalemuu taani nama Yohanaati ergani gaafi tan gaafatani, “Atin Kristo?” Yohana ammo, “Hiyyo”jed’e. Worri waan gaafate, “Atini Eliya?” Yohanaani “Hiyyo” jed’e. “Atin eenu re?”

Yohanaani waan jed’e, “Anini qonqo lafa haloo keesa iyyitu, ‘Kara Goftaa mid’aasa.’ Nama tokoti jira kha eege tiyya d’ufu, inni narra guddaa, waan na duratu jiraatefi.”

Gaafasuma, Yesolleni akka Yohanaani isa batisu d’ufe. Jennani inni bisaani keesa baanani, Hafuuri Qulqulloni akka sapaliisa isa gubba taae, gubbaani banamte, qoonqoni gubbaa d’agaamte waan jette, “Kunini ilma kiyya kha anini guddo jaalad’u.”

Guyya iti aanu, Yohanaani Yeso gumii kees deemu arge waan jed’e, “Laala, Ilme oola Waaqa kha chubbu nama lafa irra jira chufa irra fuutu! Ka anini, ‘tokkooti na eege d’ufa, ka narra guddaa, waan inni naduratu jiraatefi’ jed’e kaani kana!