Abbaan jaalate, Oboleeyan jibbite.
Gaafa Yakobooni lafa Kanaaniti deebie, ilmaan dhiira kud’ani lama qaba. Ijolle mand’aa keesa tokko maqaani Yusufuu. Yakobooni guddo Yusufu ijollen chufa ira jaalate. Tanaafi inni ubaara mid’aaga bifa heddu qabu, isaa hod'e. Oboleyaani isaa aka abbaani isaa worra ch'ufa ira isa jaalatu arginaani isa jibbite. Inni oobju isa ta akka worri gana isaa jilbiifatan himtu, worraat himnaani haga qaraalle irra isa jibbani.
Gaafa tokko Yusufuuni oboleeyan isa ta fula tikha jirtuuti d’ufe. Yo qara oboleeyan akka isa ijeeftu malate, ammo eege jara bunaaqa lafa Misiriiti yaauti gurguratani. Duuba worri laleesa toko qale d'iiga qeese ubaara Yusufu ke buuse, ubaara suni Yakobooti geesani. Yakobooni laalefate Yusufuu booe, waan bineensi ilma isa ijeese nyaate sehe.
Lafa Misiriiti Garboomsan.
Yusufuni lafa Misiri keesati garbicha Potifaa tahe. Ato Yusufuuni akka dansa worraa hojjate eeba guddo mana Potifaati fideelle, niitin Potifaa inni na buufachu iti game jette d’araan isa hiMatayoe, akanaani isa man hid’aa kees buusani. Man hid’aa keesaleeti Waaqi isa eebise. Inni waan oobjuu namaa hiikhaniin beekame. Gaafa Faraoni oobju guddo isa gaargalchite oobjate jennani Yusufuuni oobju suni hiikheefi. Ganna torba kha quufati dhufa eegi suni ammo ganna torba kha beelati dhufaa jed’eeni. Faraoni guddo gammade isa durdeema lafa Misirii tolche akka inni lafa suni beela dufuuti jirtu sunii ufqopheesu irejje qarqaaru. Eegi ganna torba kha quufa, akkasuma beelti guddoni lafa Misirii iraat dhufte.
Oboleeyan isaatin woltideebiani.
Gaafasi beelaati lafa Kananii ta Yakobofi ilmaan isa qubatan jiraa. Ammo lafa Misirii keesa midhaan guddooti jira waan Yusufuuni ganna torba kha quufa kaani midaani wolti khuusef. Yakobooni akka mid’aan lafa Misirii jiran d’ageenani ijoolle isa nama kudani lafa suniiti erge. Oboleeyan Yusufuu dhufnani, Yusufuuni worra hubate ammo worri isa hinubanne. Worri Yusufuuti dhufe isa duraati gadi jed’e maan jennaani inni durdeema lafa Misiriti. Eegi inni oboleeyan isa d’osaani kara heduuni ilaalate, akka worri waan garbumaati isa gurgureefi laalefate mirkaneefate. Jennani Yusufuuni imimaanin woraati ufbeesise. Inni waan jed’e, “Anin Yusufu, kha isani lafa Misiriiti gurgurtani! Waan na gurgurtaniifi yaadoftani amalle ufiit hindalanina. Beelti tunini gara ganna torba deemti.
Ammo Waaqi duratu akka maati tiyya baasufi armaati na erge ammalle akka jireenna keesanille baafama gudda keenuuf. Kha armaati na erge Waaqa male isaniiniti.
Isumaati mana Farao keesati goofta na tolche ammalle durdeema lafa Misirii na tolche.”
Eegi suni, Yusufuuni abba isa Yakoboofi maati isa naa yaama jed’e. Yakoboni lafa Misirii suni ganna kud’ani torba taae due akanaani lafa Kananiti awaalani. Eegi Yakoboni due, oboleeyan Yusufu waan inni haalo isaan baafatu sehani guddo sodaatani, haraara isa gaafatani. Ammo Yusufuni waan worran jed’e. “Hinsodaatina. Anin fula Waaqa jira? Waan isan hammenaf tolchitani Waaqi dansomati deebise marro baafama nama heddutifi. Tanaafi, hinsodaatina. Anin isaniifi ijolle teesanille insoora.” Inni akka worra woma hintolchine dhugeefachiise ammalle afaan dansa iti dubbate.