Ajajaa fi Kakhuu.
Eegi ganna hedduu, eegi bara Nuhu, ammalle eegi Waaqi dira Babeliiti nama chufa afaan wolmilise, nama tokoti jira kha maqaan Abramu jed’an. Ganni isa 75. Niitin isa, Saraini, jaarti. Ammalle worri ijolle tokolle hinqabu. Guyya tokko Waaqi Abramuuti mullate waan jed’eeni, “Abramu, lafa iti d'alattefi fiit'a tanteetiifi worra abbeetile lakisi, haga lafa anini si agarsiisu deemi. Anini gosa guddo si tolcha. Anin maqa kanke inguddisa. Anin nam si eebisu ineebisa ammalle nama si abaarulle inabaara. Anin gosa lafa gubba jirtu chufa kara keetin eebisa.”
Kanaani fi Misiri
Abramuuni niiti isaa Sarai fud'ate, Lutu ilma oboleesa isaale fud'ate, kara d’eera godaane, lafa Kanaanitiin bahe. Waaqi Abramuun jed’e lafti anini ilmaani teeti kennu kuno tana. Gaafasi beela guddoti lafa Kanaani kees jira, tanaaf Abamuuni maati isa fuud’e lafa Misiriiti godaane. Abramuuni guddo worra Misirii sodaate, hayyichaan Saraini oboleeti tiya jed’e sobe. Duuba hayyichi Sarai akka niiti isa fud’ate. Ammo Waaqi durumaati deeme isa qorqorate ammalle Saraille baase ammalle Abramuu lafa Misirii keesati durumma guddon eebise.
Akka Abramuufi Lutuni wold’aban.
Abramuuni lafa Misiri keesaa kae, niiti isaatiifi waan qabu ch'ufa fud'ate, Lutule woliini, lafa Kanaaniti gale. Abramuufi Lutuleni guddo dureeyi, duubalafti suni worra lachu wolti fuud'u dad'abde, waan worri hori guddo qabuufi. Duuba tissituuni Abramutiifi ta Lutu tikha irati woldidde. Jennaani Abramuuni waan Lutuuni jed'e, “Nu wold'abu himmalle, lafa ballo si dura jirtu tana agarta? Hojja atini gara bitaa godaante, anini gara mirgaa godaana; hojja atini gara mirgaa godaante anini gara bitaa godaana. Toko filad'u.” Lutuuni mirgaafi bitaa millate, lafa gaareni ta bisaanifi marra dansa qabdu arge, dira bale ke jiru qubate filate. Lutuuni lafa d’akhayee Abramuu lakise keesa godaane, lafa Sodoma qubate. Ammo worri Sodoma worra ch'ubbicha hama, ka Waaqa durati daba tolchu.
Waaq abdachu.
Jennani Waaqi akka Abramuuni sorio isaa baasu qajeelche, duuba kha ini irriiba gudda kees jiru, oobjuni kara goola ibiidaatin isaati mullate kakhu isa gale. Waaqi akka d’aLutui Abramuu guyya tokko haga ganna d’ibba afuri lafa keesumooma keesati garboomsani iti hime. Ammo akka Waaqi guyya tokko worra baasulle inni iti hime. Eege Waaqi maqa Abramuu Abrahamuuti jijiiree, maqa niiti isaalle Saraati jijiire.