CBS Stories

Borana Stories

A. WAARO WOYUMA / GUYYA HARAARA

Bahiisa 25-29, 34-40; Lawi 1-10, 16, 17

Eegi gumiin Israeli Korma Worqii waaqefachu lakkifte Waaqa araarfate isaati deebite, Waaqi akka worri isaa Waaro Woyuma ijaaru worra beesise. Gumiin waan feesisa kha akka worqii, qarsii, woyaafi faaya gati gudaa d’iyeesani. Qajeelumsa Waaqi Musa kenne gula waaro woyyuma suni ijaaruni ganna tokko guutu fud’ate.

Bifa Waaro Woyuma:

Waaron woyuma waaro gugurdo ta woyya paasia baballoon jidduti gargari kutan. Gara keesani, Fula Qulqulloti jira ta wonti sadi kees jirtu: Waan ifseeni torba irra ejaanjitu, ka worqiini mid'aasani, mesa worqiini mid’aasan kha qitaan kudani lama kha bukho hinqamne gubba jiru-- inni chufti kha gosa kudani lamaan Israeliti, fula sorio iti baasani ta worqiin mid’aasan ta halkaniifi guyyaalle hit’aana irra bobabu.

Man keesa kha woyaan gollani, Fula Chufa irra Qulqulloo, Sanduqa Wold’aqiisati jira, kha Musani akka Waaqi qajeelche gula ijaare. Sanduuqa Wold’aqiisa suni keesa d’akhaye lama ta Seera Kudannan qabduuti jira. Gubbati bifa maleekota lama ta khoola baballifate fuula woltideefate ejaanjitu ta worqi qulqullitiin mid’aasaniti jira. Duuba Waaqi waaro woyuma suni keesati kara mamaatini gumi isaati mullate, ifsee khoola maleekota suni jidduni jabdu ifsituuni.

Waaro suni dura fula guddo ta sorio iraati Waaqaa baasaniiti jira. Ammalle fula

qaaloleeni ato sorio himbaamne harkaafi miilalle iti d’iqatuuti jira.

Wonti ch’ufti waan guddo mid’aaga kha ammalle qulqulLutui. Waaqi waan jed’e, yo qaalole male, nami d’ibiin waan qulqullo suni harkaan qabate, nami suni induaa. D’aatu waaro suni dalla woyaa kha mukhaan ijaaraniti  jira.

Jennaani Waaqi akka Musani oboleesa isa Haruni akka Qallu Guddaa eebise, ilmaan isalle akka qaalole isa jala eebisu qajeelche. Akkasuma d’aLutua Levi akka worri Waaro Woyuma kees hojjatani ammalle guyya godaanna baatani deemaniini.

Akka Soorio Baasani:

Diiramaafi galgala chufa qaaloleeni ilme oola ta qit’ooma qabdu ijeesani fula sorio iraati baasani iraati gubani. Worri ammalle Fula Qulqullo seenani Waaqa duraati hit’aanafi ibse bobeesani. Nami chubbu hojjate seera Waaqa ch’abse chufti ilme oolatini d’ufe. Duuba qaaluni hori khaani sorio baase diiga isa fula sorio iti baasan suniiti jissa. Tanaafi Waaqi, “Fooni diiga qaba hinyaatina maan jenaani jireenni diiga kees jira. Anini isani ajaja akka isani marro jireenna keesaniitifi sorio baaftan” jed’e.

Sorio akka akaati jira, ammo horiini Waaqi akka soorio baasan eeyamu kha akka: looni, oola, ree fi sapaliisa. Horiin kunini chufti qit’ooma qabaachu male…fayd’aba fa, waan jaare fa, yokhaan waan haabo qaba tau himmalle…hori chufa irra dansaa tau male. Yo akkas hintaini sorion sunini fuula Waaqa duraati hinfud’atamtu ammalle chubbuu nama irra hind’ittu. Karaan ch’ubbu namirra d’iqaniini kara Waaqi qajeelche suni ch’allaa.

Guyya Haraara:

Ganna keesa guyya tokooti jira kha Guyya Haraara jed’aniin, guyya kana soorio adda Waaqaa baasani. Qara fiite, Qaallun Gudaani ree lama filate, tokko qale kaan danqaraati bassa. Eegi suni, Qaaluni Guddaani korma looni Fula Qulqulloti argamiisa Waaqa duraati, akka sorio Waaqaa baasa. Duuba diiga suni worqi Sanduuqa Wold’aqiisa iraati fifit’a. Ammalle, alaati ree lama qala. Golla duuba mare, d’iiga ree kaani akkasuma worqi Sanduuqa Wold’aqiisa irraati fifit’a. Tunini akka chubbu gumii Israeli araaramaniifi. Duuba eegi suni, inni ree jirtu fuud’e. Harka lachu mata irra keeyate, chubbu gumii chufayu afaanin hima. Inni chubbu gumii chufayu mata ree suni irra khaaya. Duuba nami tokko re taani fuud’e lafa aloo fula isiin iti deebite hingalle geese bira gala. Duuba reeni chubbu gumii ufiraati fudate baddiinni.

Akka Waaqaa ajajamu diddan.

Ato wonti kunini chufti tatelle, gummiifi ilmaan Haruni lamani ta qaalloleleni durumaati deemte Waaqaa ajajajamu diddani. Worri kha qajeelumsa Waaqa gula hiyaane akkuma mata ufi gula hit’aana aarsani. Duuba Waaqi ibida gubbaa erge waaro woyuma keesati worra d’ae ijeese. Waan worri Waaqa fi qulqulloma isa ulfeesu didaniifi, abba worra Harunille akka inni worra himboonne d’owwani.