Hameenna ilme namaa/ Akka uleen Waaqa ilme nama d’aqabde.
Eegi Waaqi Kaini abaare, Kainiini niiti fuud’e worri waliin ilmaan horan. Seethilleen kha Waaqi fula Habili Adamuufi Hawai kenne, niiti argate woliin ijoolle horan. Nami hore heddate lafa qabate. Nami gari Waaqa jaalate, nami hagi guddaani mata jabaate Waaqan morke. Ammalle yo chufa woli had’ani. Aabbo Waaqi aka hameenni namaa lafa ira dabre, ammalle heregi garaa worraa hojja ch'ufa hama arginaani waan qara worra duri lafa irati mid'aaseefi gaabe. Inni waan jed'e, “Anini nama uumefi bineensafi simpirreefi bineensa garaani lafa ira lohule ch'ufa lafa keesaa balleesa”
Huji Nuhu
Ammo Aabbo Waaqi ammalle Nuhu maache guddo iraa gammade. Nuhuuni nama d'ugaa kha Waaqa waliin deeme. Waaqi waan Nuhuuni jed'e, “Anini la buufad'e, aka nama ch'ufa balleesu; wonti akanatiifi lafti ya hammaatte, nami wolhad'e wolsaame, tanaafi worrafi lafale imballeesa.”
“Obolo guddo mukha jabaani jaari, duuba anini bokaya guddaani d'ufa, aka lolaani lafati fach'ae waan lubbu qaba ka lafa jira ch'ufa balleesu. Wonti lafa gubbaa jira ch'ufti indooti, waan lubbu qaba ch'ufa, d'alafi korma, fuud'i, oboloti naqi, aka lubbu baaftu. Ammalle sagale gosa ch'ufa ta nyaatani fuud'i olkayi.”
Waaqi aka Nuhuuni hobolo jaaru male chufa iti hime. Nuhulleni waan ch'ufa, akuma Waaqi jed'eeni, tolche guute. Eegi ganna dheera Nuhuuni hobolo suni inijaare. Jennani Waaqi guyya tokko Nuhu beesise akka inni isaafi maati isaatifi bineesa fi simpirre aka akaalle chufti hobolo seenan. Jennaani Waaqi balbala hobolo suni inchufe.
Bokkayaa fi Eegachaa
Guyya afurtamatiifi halkani afurtama bokai gubbati robe bisaan lafa jala olyaani. Bisaani aka taka inargini guddatani gaareeni d'ed'eertule ch'ufa fud'atani d'ossani, wonti lubbu qaba ch'ufti inhobaate. Nuhufi maati isaatifi, waan isa woliini obolo keesa jiru ch'allati hafe.
Eegi guyya afurtama, Waaqi Nuhufi bineensafi hori isa woliini obolo keesa jira ch'ufa qaabate, bisaani gadeebise. Jia heddu Nuhuuni obolo kees jiraate. Eegi ganna tokko, obolooni d’ufte gaara ira teete.
Eeba Waaqa.
Jennaani Waaqi waan Nuhuuni jed'e, “Obolo keesaa baha.” Duuba Nuhufi ilmaani isaatiifi niiti isaatiifi nad'eeni ilmaani isaa ch'ufti obolo keesaa bahani. Jennaani
Nuhuuni fulla sorio iti qalani Waaqaa jaare, sorio Waaqaa baase, Waaqa guddise. Jennaani waan waan jed'e, “Anini waan lubbu qaba aka qara balleese kana deebie imballeesu, tanafi anini ule tiyya gubbaa dumansa keesa d'aaba.”
Waaqi Nuhufi ilmaani isaati eebise waan jed'eeni, “Hora bula, daraara, lafa ira dabra.”
Jennaani Waaqi waan Nuhuuni jed’e, “Waan lubbu qaba ch'ufa, mukhaafi bineensale, ya sii kenne, aka isiini sagale sii taatu. Ammo fooni d'iigi keesaa imbahini inyaatina, waan jireenni d’iiga kees jiruufi. Ka d'iiga namaa buuse, namati d'iiga buusa; wonti akanatiifi Waaqi fakeenna ufii gula nama mid'aase.” D’aLutui Nuhu heddate, laakuma ganni deemuni ilmeen nama horte lafa qabate.