Eegi Waaqi kara raagoleetin gumi isatti dubbate ganna d’ibba hafuriiti dabre. Waaqi gumi isa irra inchallise, duuba gumiini Yahudii bulchiinsa Mootumma Rumii jala jiraate. Jennani guyya tokko Waaqi ammalle dubbate! Inni Maleeka isa erge Zakariati dubbate, kha inni qaallu mana Waaqa. Inni akka niitin isa, Elisabeetini, ilma gana d’ufaansa Baasa kha Waaqi gumii isaati kakhate, lallabu deetu beesise. Zakariaani waan kana ind’ugeefanne waan isaafi niitin isa ganna guddaa kha ilme inargatin jiraataniifi, duuba Waaqi haga d’aLutua ilma suni, duuda isa tolche. Ammo Waaqi waan jed’e muummesse, duuba Elisabeetini Yohana deette, ka gana guddate lafa aloo keesati lallabe d’ufaansa Baasaa himu.
Ji’a ja eegi Maleekan Gabrieelini Zakariati dubbate, Waaqi ardaa Galilaya keesa, dira Nazareeti, mana intala dubrii Elisabeetii ta maqaan Mariyamu jed’aniti Maleeka isa erge. Namichi Mariyamu akka fuud’u kad’ate Yusufu kha inni maati Daudii keesa d’ufe.
Maleekani waan Mariyamuuni jette, “Nageeni sii haatau, atin nama Waaqa biraati fud’atamiisa argate.” Mariyaamuuni guddo sodaate ammalle wolaawola seente. Gabrieliini waan isiin jette, “Waaqi ya si eebise maan jenaani innni ilam sii kenna. Maqa isa Yeso baafta. Inni nama gudda taha ammalle Ilma Waaqa Guddayaa jed’ani yaamani. Waaqi barchuma hayyuma kha Daudii isaa kenne, inni haga jiru jireenna Israeliifi Yahudi infidaa.”
Yusufuuni ka Mariyamu fuud’aa gaafate, nama d’ugaati. Akka isiini garachofte arginaani isi biyya duraati ch’eersu hinfeene. Inni ch’alleesumaani lakkisu fed’e. Ka inni waan kana herreguuti jiru Maleekani Waaqa oobju keesa iti mullate waan jetteeni, “Yusufu, ilma Daudii, Mariyamu fuud’u hinsodaatini. Isiini jabeenna Hafuura Waaqaatini garaachofte. Ilma deeti, maqa isa Yeso baafta akkas jechuuni “Waaqi Baasa” jechuu maan jennani inni gumi isa chubbu keesa baasa.” Yusufuuni oobju keesa dammaqe jennani, Mariyamuu fuud’e. Inni haga daaimi suninin d’alateeti isi waaliin himbulle.
Eegi suni Elisabeetini Yohana deete, eegi jia jaha Mariyamuuleni akka daaima deetu qopheefate. Gaafasi, Hayyuni lafa Rumii akka marro guuransa gibiraatifi nami ch’ufti lafa abba isaati deebiu lallabe. Yusufuuni kha mana Daudii keesa d’ufe, dira Bethlehemu kha lafa Yudea deeme akka Mariyamu waliini galmeefamu.
Duuba nami hedduni akka galmeefamu imaletu deeme, duuba worri dira Bethlehemu keesati fula bultii hinarganne. Worri moona horii argate. Kha worri achi jiru, Mariyamuuni ilma deete, woyaan mamarte gombo horii kees keette.
Nanno suni, tissituuti halkani horii qorqorachuuti jira. Akkuma tasa, Maleekani woraati mullate, ka guddinni Gooftaa worra irra ifu, duuba tissituuni guddo sodaate.
Jennani maleekan waan jette, “Hinsodaatina! Anini oduu dansaa gammada gudda nama ch’ufaa kennitu isanii kenna. Dira Dauudi keesati, Baasani ya isanii d’alate kha maqaan isa Kristo Goftaa. Tunini akheekha isani dandeetani isaan beetani. Isani daaima woyaani mamarani kha gombo horii kees khaayani argitani.” Duuba duuli maleekota mullate akkan jed’e faarse, “Guddinni gara Waaqa gubbaati haa tau, nageennilleni gara nama lafa iraati haa tau.”
Maleekoti yaanani, tissituuuni waan woliin jette, “Koota lafa Bethlehemuu yaane waan Gooftan nuuni jed’e kana laalla.” Duuba worri waliin yaae Yusufufi, Mariyamufi, daaima gombo horii keesa ch’iisu argani. Yeso arginaani, tissituuni waan argite d’ageette irraati Waaqa giddifte, oduu suni nama ch’ufaati himte. Nami oduu tissituu d’agae chufti guddo mame.