CBS Stories

Borana Stories

KAINI FI HABILI

Uumama 4

Eegi Waaqi Adamuufi Hawai oobru Edeni keesa gusse, Hawai garaachoofte ilma deette. Maqa isa Kaini baafte. Eegi suni ilma d'ibi d'alte maqa Habili baafteefi.

Kainiini nama oobru qotu. Habiliini nama ree tissu. Gaafa toko, worri lachu soorio Waaqaa baase. Kainiini waan oobru keesaa argate d'ufeeni Waaqaa baase. Habiliini ree qara d'alate qale fooni gabbo Waaqaa baase.

Waaqi waan Habiliini baaseefi jaalate iraa fud'ate, ammo Kainifi waan inni baase fud'achu dide. Duuba Kainiini aka hama dallane garaa hammaate. Jennaani Waaqi waan jed'eeni, “Atini maafi akana dallante garaa hammaatte fuula guurta? Yo waan dansaa tolchite sila waan atini baaftu siraa fud'atani, ammo waan atini waan hamtu tolchiteefi ch'ubbuuni balbala keesa kurfo teete si eegatti. Isiini si qabachu feeti, ammo atini dabsachu malte.”

Jennaani Kainiini waan oboleesa isaa Habiliini jed'e, “Oobru nu yaasi.” Achi geennaani Kainiini oboleesa isaa Habiliti garagale d'ae ijeese. Duuba Waaqi Kaini gaafate waan jed'eeni, “Oboleesi kanke Habiliini me?” Inni waan jed'eeni, “Anini imbeekhu. Qara oboleesa kiyya nati tissa?”

Waaqi waan jed'eeni, “D'iigi oboleesa keeti lafa iraa nati iyyuu jira! Atin ya abaaramte, lafti deebite woma sii imbaaftu, worra d'abde seseega taate lafa marta.”

Duuba Kainiini waan Waaqaani jed'e, “Abaarsi kunini la haga nati dabre nati guddate. Atini ya fuula kanke duraafi lafa tana iraa na gussite, worra d'abe seseege lafa mare, ammalle nami na argu ch'ufti na ijeesa.”

Jennaani Waaqi beesisa Kaini ira kaye, waan jed'eeni, “Akasiniti, yo nami si ijeese maro torba haalo baasani.” Akasiini Kainiini fuula Waaqa duraa kae fula ak akaa deeme.

Duuba Adamuufi Hawai ilma d’ibi argatani maqa Seethi baasaniifi. Kainiinillen ijolle argate ammo ilmaan isa mata jabaate Waaqa guddisu didde. Ammo d’aLutui Seethi Waaqaa sarme isa guddise.