Onne Farao Jabeessu/ Balaa eegee.
Eegi balaa sallan qara, Waaqi waan Musan jed’e, “Anin layyu onne Faraoo jabeesse akka gumii Misirii dhaanu marro worri waaqota dhara heddu waaqefatuufi. Anin akheekha kana tolcha akka isani ijolle teesanifi akhaakhowan teesanilleti himtani, akka anini Waaqa. Ammaantana anini balaa tokko lafa Misiriiti erga, duuba Faraooni guutamsaan gadi isan dhiisaa.”
Qajeelumsa Waaqi kenne.
“Amma akka dansa na ch’aqasa:
“Halkanuma suni anini lafa Misiri keesa bahe angafa namaatiifi ka horifi bineensale ch'ufa ijeesa; ammalle waan harkaani boch'ani Waaqoota jed'ani lafa Misiri keesati kad'atani ch'ufa imballeesa. D'iigi mana dibani akheekha isanii taha. Yo anini d'iiga suni arge, isani bira dabra, duuba gaargali anini lafa Misiritiini d'ufu tokoleeni isani ingahu. Guyyaani kunini guyya qaabacha isanii taha, ammalle guyya jila, ka Aabbo Waaqa jettani qaabattani; d'aLutua keesani ch'ufa keesa guyya kana qaabattani, haga jiru jireennale aada tana tolfattani.
Akka Oola soorio baasani/ baafama.
Duuba gumiin Israelii horii qalte diiga mikhikila balbalaati fifit’e. Halkani woli qit'aani jennaani Aabbo Waaqi ilmaani d'iira ta angafa ta lafa Misiri keesa jirtu, gurba Farao ka angafa ka sila hayyooma isaa d'aalu iti keeyate, much'a angafa ka abbaani isa mana iti nama hid'ani keesa jiruti d'aabe ch'ufa fit'e; ammalle ilme horiini goroomuma d'ale ch'ufa hobaase. Farao, hojattu isaati, worri Misiri ch'ufti halkani lafaa kae aka hama bohani; wonti akanatiifi lafa Misiri keesa mani tokoleeni ka nami keesa induiini injiru. Halkanuma suni Faraoni Musafi Haruniti nama erge waan jed'eeni, “Kaa, lafa tiyya keesaa yaa”
Worri Misiri worra Israelitini, “Hurrisa lafa teenna keesaa baha, yokhaani nu ch'ufti indoona” jed'eeni. Worri Israeli, akuma Musani jed'e, faaya worqifi qarsiini mid'aasanifi woyale worra Misiri guurate akuma Waaqi Musafi Abrahamuuleni jed’e. Gaafasi, Waaqi gumii isa lafa Misirii keesa baase, haga nama 600,000 kha jara uwaatifi, ijollefi horiilleni akasuma hedduu.