CBS Stories

Borana Stories

JARA DOOYA, GAMMOJII, BOFA SIBIILA DIIMA, LAFA KAKUU

Henna 13-21, Qaabacha Seera 4:15 – 31; 6: 1ff; 7:1-16; 8:10-20; 9:4-6; 11:1ff; 34:1-5; Yoshua 1:1 – 7:9

Jara kudani laaman kha doyaa lafa Kanaaniti ergan:

Eegi Waaqi gaara Sinaai iraati Muusa qajeelumsa kenneefi, gumiini lafa Kanaaniiti yaau jalqabde waan duri Waaqi Abrahamuufi Isaqofi Yakobollee kakhu suni galeef. Musani jara dooyaa kud’ani lamaan, gosa ch’ufa keesa fuud’e erge, akka worri guyya afurtama lafa suni deemani kara dandaani lafa suni mohataniin barbaadan.

Jari dooyaa sun deebinaani, worri chufti akka lafti suni lafa dureeti, ta quufa qabdu, ta aananiifi dammii akka galaana yaau wolii galani. Ammo jari kudan, oduu hamtun deebie, akka gochiti dira suni qubatu gosa jajajabduu ta Israeliin dabsachuu hindandeenne odeesani. Jara dooya yaae keessa jari lama, Yoshuaafi Kalebuuni, akka Waaqi akkuma gaafa lafa bahiisa lafa Misirii irraati worra qarqaaru worra qarqaare nyaapa worra dabsachiisu dhugeefatani. Ammo gumiini waan mormiiteefi seenu hindandeenne.

Waaqi Israeli irra dallane wolaala iti mure. Akka nami ganna didamaatin oli tokolleen lafa Kakuu suni hinseenne labse, ammalle akka Israeliini ganna afurtama lafa gammoojii keessa martu tolche, haga d’aLutui suni chufti dueeti.

Ganna afurtama lafa Gammoojii kees/ Akka Israeliin dhugeefachu dad’abde:

Duuba Israeliini lafa marte. Musan worra dura deeme, ammalle Waaqi sagaleefi (Manaa fi Simpirre gubbaa buuseefi) bisaanille worraa kenne. Guyya tokko gumiini Muusati boote, “Atin maafi lafa Misirii keessa nu baafta, akka nu lafa gammoojii keesati hobaanu? Nu layyu manna nyaachu dad’amne, qitaafi bisaani hinjirani!”

GOOFTAN indallane. Duuba bofa had’aa hamtu qabu gumiiti erge, nami bofi suni hiddu ch’ufti indue. Jennani Muusati d’ufani waan jed’aniini, “Gungumsuu teenani nu ya siifi Musaleeti wollaallee. Waaqa nuu kad’ad’u, akka inni bofa kana nurra fuud’u.” Duuba Musani gumii Waaqa kad’ate.

Waaqi waan Musan jed’e, bofa sibiila diima irra mid’aassi, muukha old’eeraa iraati fannisi akka nami chufti argu. Nami bofi nyaatu ch’ufti yo bofa sibiila diima laale, imbaafama. Musani bofa sibiila diima kaani mid’aase mukha old’eeratu iraati fannisse. Nami bofi had’a qabu nyaatu ch’ufti, bofa sibiila kaani laale jiraate.

Akka Lafa Kakhuu seenan:

Eegee, eegi ganna afurtama lafa lafa gammojii kees jiraatani, Waaqi gumii Israelii fula dari Lafa Kakhuutini d’ufe. Musani eegi Lafa Kakhuu gaara irra ejje ilaan arge, indue. Waaqi Yoshua kaase akka inni gumi lafa suniiti geessu.

Musani gaafa hinduini, guddo gumi gorse qaabsise akka worri Waaqa d’ibii hinaaqefanne, yokhaan waaqota Kanaani, akka ammalle ufguddisani chubbuu ufi hindeene, akka jaalala Waaqaatifi Kakhu inni Abrahamuufi, Isaaqofi, Yakobo gale qaabatan. Inni worra inqaabsise akka yo worri waaqota dhibi kadatuu inni wolaala iti mure, yo worri ammo araara gale Waaqa barbaade isaa sarme, inni worraa nau.

Duuba, durdeemumma Yoshuaa jalaati gumiini Israelii Galaana Yordanii taakite, lafa goggodduu keessaa dabrani lafa kakhuu moohatani.