Laakuma gumiin Israeli lafa Kanaani dabsate mohatuuni, gochiti kud’ani lamaanu lafa gargari qoodate qubatte. Hujiin worra, gumii Kanaani lafa suni keesa baasani, lafa worra keesa qubatani, kha worran wolti himmakhamne, egeri waaqefanna waaqota worra ta d’ara baratani. Eegi Yoshuaan du’e, gochiti kud’ani lamaan ufbulchu jalqabde. Worri lafa keesumooma keesati horre, daraare, ballate jennani waan Waaqi worra ajaje ded’e. Giseen sunini gise “Nami ch’ufti waan ilaalcha worraati qajeeltu ch’alla hojjate.”
Duuba malekan Goftaa waan gumiin jette, “Anin gaafa lafa Misirii keesa isan baase akkan isaniin jed’e, ‘Isan gumii Kanaanitiini wolti himmakhamina.’ Ammo isan yayu wold’aqiisa ch’absitani. Isan gumii Kanaani waliin fidamtani, fula worri soorio iti baasufi waaqota worraalle balleessu diddani. Tanaafi, anin amma worra isan dura hingussu. Worri akka qoraati, mirga bitaan isaniiti tahe, waaqoti worraalleni t’uruura isaanii khaaya.”
Duuba akkasuma taate. D’aLutui haaressi Waaqa wolaale, waaqota Kanaani waaqefatani, waan hamaamtu heddu tolchani. Nyaapi worra had’e, guyya Israelin nyaapa haatu ch’ufaayu Waaqi woraan morme, duuba worri indabsatame. Yo ammalle worra garboomsan kaani, Waaqa qaabatani, araara galani, akka Waaqi worra baasu iti boohani. Duuba Waaqi jiddu worraati jaalaba kaasa, akka Israeli harka nyaapa jala baasu.
Eegi diqqo turan, worri ammalle inded’a, finnuma duri kaaniti deebiani. Haga marro kud’ani hafuri ganna 350 keesati, gumiin Israelii, Waaq irra fagaate waaqefanna waaqota Kanaanii kha harkaan boch’aniiti deebite! Yo ch’ufa, Waaqi worra inadaaba, akkuma seera kud’annan gaara Sinai irraati worraati kenne keesati jed’e. Achiin yo gumiin Israelii Waaq araarfate ch’ufa, Waaqi woraa araarame, ammalle worra eebisa. Kunini bara jaallabootati. Jaallabooti gari worra Israeli harka nyaapa jala baasu kha akka Gidioni, Dibora fi Samsoni fa. Jaallabi muummee kha gumii Israeli baase nama maqaan Samueli jed’ani. Gaafa inni daima diqaa, Waaqi iti dubbate, waan egeri taha iti hime. Inni laakuma guddatuuni, Waaqi isa waliini jiraate, wonti inni jed’e guutamte d’ugoofte. Tanaani nami ch’ufti akka Samueliini raaga Waaqa beekhe.