CBS Stories

Borana Stories

GOLOLA GALGALAA KHA MUUMMEE

Luka 22:1-22; Matayo 26:26-30; 1 Korintho 11:23-25

Qaalole gugurdofi jari Seera beekhu kara Yesoni ijeesani barbaadani. Jennaani Sheet'ani Yuda ka Iskariote jed'ani, ka jara kud'ani lama kaani keesa jiru, seene. Inni deeme, jaarole gugurdofi worra gugurda askartiti dubbate aka Yeso harka worrati kennu. Worri gammade, aka hori isaa kennani wold'aqani. Inni wa

Guyyaani Jila Pasakaa gennani, Yesoni jara ufi erge akka worri deeme sagale Jila Pasakaa qop’eessan. Inni waan jed’e, “Anin ato na hingaargalchinu, akka sagale Jila Pasakaa isan woliin nyaad’u fed’a. Anin haga Mootumman Waaqa guutamtuuti iti deebie hinyaad’u. Ammo isan keessa nama tokkoti na gurgurata. Akka yaada Waaqa gula Ilmi Nama induaa, ammo badii akkam hamtuu taha, nama isa gurguratuu!”

Jari isa dallane wolgaafate waan jed’e, “Atin na baanuti hinjirtuuyu? Goofta, nami suni eennu?” “Jara kud’ani lamaan keessa nama tokko, kha na waliin harka qorii keessa keyyachuuti jiru.”

Eegi sagale Jila Pasakaa nyaatani, Yesoni qit'a fuud'e, galata deebise, ch'ach'abse, jara ufiti kenne waan jed'eeni, “Kunini nafa kiyya, ka isanii jed'ani baasani. Waan kana tolchaa na qaabad'a.” Mudunu fuud'e, galata deebise, worrati kenne waan jed'eeni, “Isaniini ch'ufti d'uga. Kunini d'iiga kiyya ka wold'aqisa haraa, ka nama hedduu jissani, aka daba nama araaramani.”

Eegi qit’aafi muduunu qoodatani, kha Yudallen deeme, Yesoni, “Isan ch’ufti na lakkiftani. Ammo anini eegi duisa keesa kahe, Galilayati isan arga.” Duuba jari isa guddo laalefate. Eegi Jila Pasakaa, worri sirba tokko sirbe. Duuba dira Yerusalemu keesa bahani, oobru Gaara Ejersa d'aqani.