CBS Stories

Borana Stories

GAARA SINAI, SEERA KUD’ANNAN

Bahiisa 19, 20, 24, 33, 34

Kakhuu Waaqi Gumii isa ta Kakhuuti gale.

Jia lama, eegi worri Israeli lafa Misiri keesaa bahe, worri lafa aloo ta Sinai qubate. Waaqi isaani dubbate waan jed'eeni, “Waan atini worra Yakobo ka gosa Israelitini jettu, Isani yayu waan anini worra Misiri tolche isan baase agartani. Amma hojja isani qonqo tiyya d'ageetani wold'aqisa kiyya guuttani, isani nama kiyya ka nati aanu taatani, gosa lafa tana keesa jiru ch'ufa ira, Isani gumi qaaloleetifi gosa qulqullo naa taatani. “ Jennaani

Musani deeme jecha suni gumiiti hime, worri ch'ufti woligale , “Waan Aabbo Waaqi jed'e ch'ufa intolchina” jed'e.

Qulqullooma fi Jabeenna

Duuba Waaqi waan Musani jed’e, “Beeni, gara biyya d'aqi waan jettuuni, guyya lama ufi qulqulleesa, ato anini guyya sadeesso hindufin. Ufi eegad'a, gaara iyyaabatiina, waan gaara t'uqe, nama taanaani, hori taanaani, ka harkaani inqabanne ijeesani, waan fulaan sunini fula qulqulloo taatefi.”

Guyya sadeeso baldooni dumansaa gaara ira mullatte, angaasu argani, mandisule d'agayani, ammalle magalata lalabani d'aani. Aari gaara suni duuche, aari sunini aka aara boola faara iti gubani olbahe; jennaani gaari sunini aka jaba chochoe. Gumiini Israelii naate hollattee.

Seera Kud’annan

Duuba Musani gaara khore, Waaqi seera kudannan iti kenne waan jedheeni:

  1. Anini Aabbo Waaqa kanketi, ka lafa Misiri fulla atini tisse iti tate keesaa si baase. Na male, waaqoota d'ibi inkad'atiini.
  2. Akheekha waan tokole, ka lafafi gubbafi bisaani lafa jala jirale boch'ite imid'aafatiini. Waan boch'ani mid'aasani kana tokole dura gajette inkad'atiini; wonti akanatiifi anini, Aabbo Waaqi kanke, waan d'ibi na biraani kad'atani inoobsu.
  3. Maqa kiyya ufumaa ind'aini, wonti akanatiifi anini, Aabbo Waaqi kanke, nama ufumaa maqa kiyya d'au wollaala iti mura.
  4. Guyya Sabato qaabad'u, qulqullo tolfad'u kara boqotaatin.
  5. Abbeetiifi haateti saalfad'i, aka lafa Aabbo Waaqi sii kenne keesati lubbuuni tante d'eerattu.
  6. Nama inijeesiini.
  7. D'iirafi nad'eeni wolbaratte gaarayule woli intolfatini.
  8. Woma inhatiini.
  9. Nama tokole yakite waan d'araatiini inhimatini.
  10. Waan nami d'ibiini qabu, mana isaa taanaani, niiti isaa taanaani, tisse isaa taanaani, looni isaa taanaani, yokhaani harrele, waan inni qabufu, tokole ind'arainiifi.

Waaqi seera heddu woraa kenne akka gumiin Israeli akka gumii Waaqa jiraattu.

Owaachaa Gumii

Duuba nami ch'ufti sodaate hollate. Musani waan biyyaani jed'e, “Insodaatina; wonti akanatiifi Waaqi isani laalu d'ufe, aka isani isa sodaatani ch'ubbu intolchine, akkuma inni lafa Kanaaniti isan geesuni, yo achiin baatani kakhu tokolle waaqota Kanaani woliin inseenina.”

Bori iyaatee Musani fula sorio iti qalani hunda gaarati Waaqaa mid’aase, soorio Waaqaa baase. Musafi, iti aanan isa Yoshuaani, gaara gubaati deebiani, duuba Waaqi Musa dhakhaa lama ta khakhuu isaafi jiddu Israeelii iti kenne. Duumansi gaara douche, ulfinni Waaqa kha ibida ifsu gaara guute.