Ganna 400 eegi Yusufuuni due, maatin Yakoboo guddatte ballatte gumii Israelii jed’aniini. Ammalle worra Ebraniiaa jedhaniini. Jennaani nami d'ibiini ka Yusufu fuula imbeenne hayyuma argate lafa Misiri fide. Inni heddeenna gumii Israeli arginaani, sodaate, akka worra garboomsu malate. Hegeri gumiin Israelii nyaapa woraati kalchite worra dabsatani jedhe guddo sodaate, akka ilma dhiira kha gumii Israelii keesa dhalate chufa ijeesani ajaje. Ammo deesiftuuni Ebraniaa ajaja Faraoo gula deemu dide. Gumiini Ebraniaa durumaati deemte horte lafa qabate, Waaqilleni worra qorqorate.
Maati tokko ta gosa Lawiti ilma d’ale. Aka ilmi kaani mid'aagu agarraani haga jia sadi d'ossani, eege dadu meellaani d'aani fuute waan aka hampetiini qaa ch'ufa duuchite, aka bisaani inseene, tolchite. Duuba gurba keesa keete ilaadu afaani galaanati baatu keesati d'ossite. Miriamuuni ta oboleti daaima, isa ira hanqo ejite waan isa tolchani laalte.
Jennaani intalti Farao bisaani d'iqachu galaana d'ufte, ka hojattuuni isii afaani galaana dedeemtu. Ato teete bisaani d'iqattu, dadu ilaadu keesa bisaani gubbaa teetu garte hojattu isii ergite, Fuud'i jetteeni. Bante jennaani daima bohu jiru keesati agarte naateefi akka daaima isitiifi fudhate maqa Musa jette baafte.
Jennaani oboleetiini daima kaani d'ufte waan intala Faraotiini jette, “Deeme qabdu daima nad'eeni Ebrania keesa sii barbaade ho?” Intalti Farao waan jetteeni, “Ee, beeni.” Duuba isiini deemte haad'a daima kaani d'alte yaamte. Intalti Farao waan isiini jette, “Daima kana fuud'i, duuba anini waan si male sii kenna.” Tanaafi niitiini taani daima fuute guddifte. Eegi suni daimi guddannaani isiini intala Faraotiini d'ufte, duuba isiini ilma tolfatte waan ufiini jette. Akanaani Musani mana hayyuu Misirii keesati guddate.
Musani guddate jennaani guyya toko gara gosa isaa d'aqe. Namicha gosa Misiri toko ka tae nama gosa isaa ka Ebrania d'aanu arge. Jennaani mirga bitaa millate, namu ufi bira d'amnaani namicha gosa Misiri kaani ijeese maansa keesati awaale. Oduun tan beekamte jenanni Musani lafa haLutui baqate. Ammo Waaqi gaargala gumiini isa kees jirtu arge, kakhu Abrahamuufi Isaaqofi Yakoboo kakhate qaabate.