Eegi Musafi oboleesi isa Haruniini durdeemtota Israeliitin woolwoldeette, worri gara Farao daqe waan isaan jed’e, “Waaqi Israelii waan jedhu, gumii tiyya gadi lakisi akka worri lafa haLutui jila naa tolchu.”
Ammo Faraon waan jedhe, “Waaqi kunini eennu? Anin isa himbeekhu ammalle gumi Israelille gadi hindhiisu. Isan maafi gumi tana huji dowartan? Arma yaa.” Faraoni guddo dallane, haga qaraalle irra huji iti guddise. Duuba worri Musati bohe.
Musani Waaqa kad’ate, jennani Waaqi waan jedheeni, “Deema waan isan gumii Israeliitin jettani, ‘Anini yayu boha teesani dhagae, anin garbuma Misirii keesa isan baasa. Anin gumi tiyya isan tolche, ammalle lafa Abrahamuufi, Isaaqofi Yakoboo khakhadhe isan geesa.’”
Musafi Haruniini gafa Faraoti deebiani, jennani wolwollaansuni jiddu Hayyu Misiriitifi Waaqa Israelii jalqabate. Qara fiit’e, Haruniini akheekha uleeni bofaati jijiiramtu garsiise. Ammo Faraoni dhugeefachu dide, gumii Israelii gadi dhiisu dide. Jennani balaani jalqabate. Musani harka bisaan Misirii iraati dheerefate jennani galaanafi haroofi eeli Misirii chufti dhiigati jijiirame. Bisaani dulo kees jiranillen chufti dhiigati jijiiramani. Qurtumiin galena chufti hobaate, ajaafu nami bisaan dhugu dadhabe. Ammo Waaqi gara Farao jabeesse, inni durumati deeme gumi Israeli gadi dhiisu dide.
Jennaani Waaqi balaa raacha lafa Misiriit erge, duuba Faraoni Musa yaame waan jed’eeni, “Waaq kadhadhu akka inni balaa raacha tana nurra fuudhu.” Musa akkasuma tolche. Ammo Faraoni durumati deeme mata jabaate.
Jennaani Haruniini ulee isa olqabe, duuba hawaarti lafa Misirii chufti tiite taate. Falfaltuni duraan akheekha Waaqa Israeli akkesite, dandeette akheekha balaa kana dowwu hindandeenne, worri waan jed’e, “Kunini harka Waaqati!” Ammo Faraoni hindhageenne.
Duuba Waaqi balaa jaa dhibi worra Misiriiti lakkise, ammo Israeli balaan tokollen inarganne. Balaan tunini ta akka tiitee, dukkuba horii, dhullaa, bokka dhakhaan roobu, hawaanisa fi dukkana. Yo balaan dhuftu chufa, Faraoni “Eehe” jedhe yo isiin dabartu gumii Israeli gadhiisu dida.
Jenanni Waaqi waan Musani jedhe, “Wonti anini onne Farao jabeesefi anin gummi Israeli dhaanuti jira waan worri waaqota harkaan bochani khadhatanifi. Wonti anini akheekha khana hojjachuuti jiruufi akka isanifi ijolle teesaniifi akhaakhowan teesani akka anini Waaqa hubatan. Amma anini balaa tokko lafa Misiriitin gadi dufa, duuba Faraoni guutamsaan gadi isan dhiisa.”