Guyya tokko Yesoni guyya guutu Yerusaleemu keesati barsiisaa oolee, Jilti Pasakallen ya d’iyaate. Lafti galgalloomnan inni fula bultii deeme. Dukkana keessa namichi tokko isa argu d’ufe. Maqaan isa Nikodemo. Inni durdeemtoota Yahudii keessa nam tokko. Nikodemon akkan issaan jed’e, “Rabbi, nu imbeenna aka atini qaallu gara Waaqati d'ufe; wonti akanatiifi nami tokoleeni akheekha atini tolchitu kana dandae intolchu, yo Waaqi isa woliini jiraate male.”
Yesoni waan jed'eeni, “D'uguma, waan anini siini jed'u, Yo nami maro lameeso d'alate male, dandae Finna Waaqa inargu.”
Nikodemoni waan jed'eeni, “Nami akami dandae d’alata, eegi jaare? Dandae maro lameeso garaa haad'ati deebie ind'alata?”
Yesoni waan jed'eeni, “D'uguma, waan anini siini jed'u, Yo nami bisaanifi Lubbuuni d'alate male, dandae Finna Waaqa inargatu. Nafi nafa d'ala, Lubbuuni lubbu d'alti. Waan anini, Maro lameeso d'alachu maltani siini jed'eefi himmamiini.”
Nikodemoni waan jed'eeni, “Wonti kuni akami dandeete taati?” Yesoni waan oduu Israelii isaati hime, akka Musani gumii Waaqa lafa gammoji keesati qajeelche.
Gaafasi gumiin Israeli Waaqaa ajajamu didde, duuba Waaqi bofa heddu erge, bofi kaani guddo nam nyaate. Nami hedduuni d’ukkubbi hedduun gaargale, kha gari fayya d’abe kha gari indue. Duuba gumiin Israelii Waaqati boote, “Nu qarqaari!” jette. Jennaan Waaqi waan Musani tahu male iti hime. Inni waan jed’eeni, “Bofa sibiila irra mid’aassi, mukha d’eera irra khaayi. Duuba mukha d’eera suni jiddu gumii khaayi. Nami bofi iddu ch’ufti, ha bofa mukha d’eera gubba jiru laaluti, duuba inni induu.” Duuba akkasuma taate.
Jennaani Yeson waan Nikodemon jed’e, “Akuma Musani lafa gamoojiti bofa fannise, akasuma Ilma Nama fannisu malani, aka nami isa d'ugefatu ch'ufti jireenna hegeri argatu. Wonti akanatiifi Waaqi guddo lafa jaalate, tanaafi Ilma ufi tokocha namaa kenne, aka nami isa d'ugefatu tokoleeni imbanne, ammo jireenna hegeri argatu. Nami isaati d’ugeefatu mura jala hinjiru, ammo nami isaati hind’ugeefanne ammayyu mura jala jira waan maqa Ilma tokkocha Waaqati hind’ugeefatiniif.”