Faaru:
Oduu CBS keesati barate keessaa tokko filad’aa, shan shaniin gargargi wolqoodaa, saati 1 guutu, faaru oduun sun keesa karoorsa. Duuba faaru suni baratoota ch’ufa dura ejjaa faarsa.
Diraama:
Oduu CBS keesati barate keessaa tokko filad’aa, shan shaniin gargargi wolqoodaa, (Henni kunini ha Oduu sun waliin deemu) duuba saati 1 guutu, fud’ad’aa diraama karoorsa. Huji nami ch’ufa hojjachuu male qajeelcha wolii galcha, akka nami ch’ufti kees jiraatu. Nami tokko kha Oduu tana mid’aasse d’aabaan himu jirachuu male. Duuba diraama suni baratoota ch’ufa duraati garsiisa.