Eegi Pilato duraan d’ufani, askartiin Rumii gudo Yeso d’aante ammalle ruufa qoraatii mataa isaati mammarte isa gooyesite. D’iigi fuula isatifi dudda isa irra gadi yaae. Eegi Pilatoni akka Yeso fannisani dabarse kenne, worri fanno isa baachise yaaeeni. Eegi Yeson haga dandau fanno suni baate, askartiin taani namicha tokko gumii keessa yaamte fanno Yeso baachifte. Maqaan namicha suni Simoni kha lafa Kireneti d’ufe. Worri dira Yerusalemu keesa yaae, gaara Golgothaatin bahe.
Gaara Golgothaatin baanani, hattu lama waliin isa fannisani. Qara fiit’ee, askartiin mukha lamaan fanno qataamura lafaati mid’aasite, Yeso irra keette. Haadan harka isa mukha suniiti hiite, musumaarani harka isa mukha suniiti woraante. Duuba, haadani, fanno taani oli kaasani d’aabani. Duuba worri fanno jaltataae ubaara hit’aa buufatani qoodatani.
Nama hedduuti waan Yeso tolchan gama laaluti jira. Jara uwwa kha tajaajila isa guddo ordofeeti jira. Worrillen ufuma shonaan waan isa tolchan ch’ufa daawatani. Qaalole gugurdoofi barsiiftoti seeralleen achi jirti. Worri isa gooyese, qach’oon d’aate waan jed’e, “Inni nama d’ibi ya baase. Maafi ufi himbaamne?” jed’ani. Hattichi isa waliin fannisan tokkolleen isa gooyese. Ammo hattichi kaana d’ibiin, isaan lole waan jed’e, “Lakki, nu wolaala qamna. Fanno tunin nuu malte, ammo namichi kunini yakka tokkolle hinqabu.” Duuba inni waan Yeson jed’e, “Yo Mootumma tante seentu, na qaabad’u.” Yeson waan isaan jed’e, “Anin d’ugaa siti hima, guyya arra, atin na waliiin fula dansa seenta.”
Lafti guyya gudda geennaani, haga saati sadii lafti dukkanoofte. Lafti chochoote nami ch’ufti rifate. Hojja suni, Yeso qoonqo guddoon iyye waan jed’e, “Waaqa kiyya, Waaqa kiyya, atin maafi na lakkifte?” Inni ammalle “Ya hobbaate” jed’e. Lubbuu isa Waaqati kenne, due. Hojjuma suni golli mana Waaqa gubbaaa haga gadii tarsae. Guddaan askarti Rumii kha fanno jala ejju, waan kana ch’ufa arge waan jed’e, “D’uguma kunini Ilma Waaqati!”
Akka aada Yahudii gula guyya Sabato halkan guutu reefa alaati lakkisuuni waan aada maleeti. Duuba akka jari askarti Rumii huji isani hobaasan kad’atani. Askartiin hatuu lamaan miila ch’ach’aach’absite, akanaani worri yoosu due. Worri gara Yeso d’umnaani, inninu la due argani, tanaafi miila isa hinch’absine, akkuma duri fagani. Askartichi tokko woraanani ch’inaacha isa woraanaani, d’iiga fi bisaan keessa yaani. Yusufuuni lafa Arimatea, eeyyama nafa isaatin fuud’u argate. Inni awaala duraan taka nama iti inawaalin kees kaae, d’akhaa iti gangalche bira deeme. Ammo jari uwwa kha tajaajila isa ordofan, fula Yusufuun nafa isa khaae argani.